Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin marii naannoolee Kibbaa fi Baha Ityoophiyaa preezdaantoonni naannoolee irratti hirmaataan gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Eebila 16, 2013 (FBC) – Qopheessummaa mana maree federeeshinni Waltajjiin marii naannoolee Kibbaa fi Baha Ityoophiyaa preezdaantoonni naannoolee irratti hirmaataan Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Waltajjichi hariiroo waliinii kan cimsuu fi obbolummaa, nageenyaa fi badhaadhina kan cimsu tahuu Af-Yaa’iin mana maree federeshinii obbo Adam Faaraah ibsaniiru.
Mootummoonni naannoolee dhimmoota waloo fi tumsaa qindoominaa hojjechuurratti haalli yoo hin mijanne dinaagdee fi siyaasa hawaasaa tokko ijaaruun akka hin yaadame yaadachiisaniiru.
Hariiroon mootummoolee naannoolee nagaa fi bu’aa qabeessa yoo hin taane rakkinoota uumaman ittisuufi badhaadhina yaadame bira gahuun akka hin danda’amne hubachiisaniiru.
Waltajjicharratti preezdaantoonni naannoo Oromiyaa, Kibbaa, Somaalee, Afaar, Hararii, gambeellaa fi Sidaamaa argamuu ragaan mana marichaa irraa arganne ni mul’isa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.