Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin Waloo Manneen Murtii Federaalaafi Naannolee magaalaa Maqaleetti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 19, 2015(FBC)- Waltajjiin Waloo Manneen Murtii Federaalaafi Naannolee magaalaa Maqaleetti gaggeeffamaa jiraachuu ibsame.

Waltajjicharratti Pireezidaantii Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Obbo Tawoodiroos Mihirat dabalatee pireezidaantonniifi hoggantoonni Manneen Murtii Federaalaa, Abbootiin Murtii, hogganaan Waajjira Yaa’ii Bulchiinsa Abbootii Murtii Federaalaa akkasumas Pireezidaantonniifi Ittaantonni Pireezidaantii Manneen Murtii Waliigalaa naannolee hirmaachuu eerameera.

Pireezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Obbo Tawoodiroos Mihirat, tajaajila adeemsa murtii wayita waraanaa addaan cite ture itti fufsiisuuf waltajjichi magaalaa Maqaleetti qophaa’uu addeessaniiru.

Adeemsa olaantummaa seeraa mirkaneessuu keessatti manneen murtii gahee isaanii bahachuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Barbaachisummaa nageenyaa qaamoleen hundi hubachuu akka qabaniifi olaantummaa seeraaf gaheesaanii ba’achuu akka qaban ibsuu ragaan Mana Murtii Waliigalaa Federaalaarraa argame ni mul’isa.

Manneen murtii naannoo Tigraay sababa waraanaan hojiisaan dhaabaniifi barbadaa’an waaraan deeggaruun kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa manneen murtii federaalaa sadan qindeessuun deeggarsa meeshaalee biiroo Birrii miiliyoona 3.7tti shallagamu manneen murtii naannichaaf deeggarsa taasisuus ibsameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.