Fana: At a Speed of Life!

Wareegamni kaffalle hatuu fi saamuuf osoo hin taane Ityoophiyaa baraaruufi – MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Sadaasa 27, 2014 (FBC) – Bakkeewwan garee shororkeessaa ABUTtiin to’atamee ture hedduun bilisoomuu fi kanneen hafan harkaa diinaa baasuuf oppireeshiniin eegalame cimee itti fufuu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ibsaniiru.
Bakkeewwan garee shororkeessaa ABUT to’atamee ture hedduun bilisoomuu fi kanneen hafan harkaa diinaa baasuuf oppireeshiniin eegalame cimee itti fufeera jedhan.
Injifannoon argame daraan kan nama gammachiisuu fi amanuuf nama rakkisuudha jedhan ibsa adda waraanarraa laataniin.
Ummataa Ityoophiyaa maraan baga gammaddan, Ityoophiyaan injifachuu itti fufti jechuun ergaa dabarsaniiru.
Harcaatoota garee Shororkeessaa miila dhahuun tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuu ibsaniiru.
Hojii Boonsaa Raayyaan Ittisa Biyyaa hojjeteen gammachuu olaanaan itti dhaga’amuu dubbataniiru.
Injifannoon eegalame itti fufa, imala diinaatti baatiwwan hedduu itti fudhate guyyoota muraasa keessatti injifannoon golobaa jirra jechuun ibsaniiru.
Wareegamni kaffalle hatuu fi saamuuf osoo hin taane Ityoophiyaa baraaruuf jedhan.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.