Fana: At a Speed of Life!

Warshaan bu’aalee oomisha gogaa Doolaraa Biiliyoona 1n ijaarame ebbifame

Finfinnee, Fulbaana 19, 2015 (FBC)- Warshaan bu’aalee oomisha gogaa PCE Veenchar Doolaraa Biiliyoona 1 ijaarame ebbifame.

Sirna eebbicharratti Ministira Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Aallebel fi keessummooni kabaja argamuu eerameera.

Warshichi dargaggoota 180’f carraa hojii kan uumuu ta’uu ibsameera.

Sirna eebbaa warshichaarratti Obbo Malaakuun  haasawaa taasisaniin, dhaabbatichi oomishaa gogaa  Ityoophiyaa gabaa addunyaatti beeksisuuf ambaasaaddara ta’ee hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Dhaabbatichi carraa hojii bal’aa uumuun dabalataan waggoottan kurnan dhufanitti oomishaa gabaatti dhiyyeessuun Doolaara miiliyoona 100 argamsiisuuf karoorfatee hojjechaa jiraachuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.