Fana: At a Speed of Life!

Wayita Bittaa fi gurgurtaa gabaa ayyaanaa hawaasni daddabarsa maallaqa sobaa of eeggachuu qaba – Poolisii magaalaa Finfinnee

Finfinnee, Mudde 24, 2015 (FBC) – Wayita Bittaa fi gurgurtaa gabaa ayyaanaa hawaasni daddabarsa maallaqa sobaa of eeggachuu akka qabu Poolisii magaalaa Finfinnee hubachiise.

Kutaa magaalaa Lammii Kuraa fi Lidataatti namoonni dhuunfaan 3 maallaqa sobaan bittaa fi gurgurtaa wayita raawwatan to’atamuu ibseera.

Kutaa magaalaa Lammii Kuraatti namoonni dhuunfaan lama Birrii sobaa kuma 8 wayita Bilbila bituuf jedhan hawaasa naannawaa waliin ta’uun to’annoo jala oolchuun danda’amuu Poolisiin Magaalaa Finfinnee ibseera.

Qorannoo namoota kanneenirratti taasiifameen Noottiin Birrii Sobaa kumni 11 fi 200 to’atamee qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuu himeera.

Akkasumas kutaa magaalaa Lidataa aanaa 5 iddoo addaa Jini’aad jedhamee waamamutti namni dhuunfaan tokko Noottii Birrii sobaa kuma 25’n Kaardii Moobaayilaa bitachuuf wayita yaalaa ture qaamolee nageenyaa naannawichatti argamaniin to’atamuu himera.

Sakattoo dabalataa taasiifameenis Birriin noottii sobaa kumni 3 fi 600 to’atamuu eereera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.