Fana: At a Speed of Life!

Wayita filannoo ajandaaleen mirga namoomaa kabajamuu qaban ifooman

Finfinnee, Caamsaa 23, 2013 (FBC) – Komishiniin Mirga Namoomaa Ityoophiyaa wayita Filannoo ajandaalee mirga namoomaa paartileen Siyaasaa kabajuu qaban abbaa qabxii 6 ifoomseera.
Ajaandaalee kanneen keessaa mirga namoomaaf murannoon dhaabbachuu, Mirga socho’uu, gurmaa’uun yaada ofii bilisaan ibsachuu,filannichi sirna koorniyaaf deebii akka laatu mirkaneessuu,jechoota jibbiinsaa, walitti bu’iinsa uumaanii fi tarkaanfii humnaa fudhachuu irraa of qusachuun isaan muraasaa ta’uu ibsameera.
Wayita filannoo mirga namoomaaf xiyyeeffannoon laatamuu akka qabu itti aanaa walitti qabaan Boordii Filannoo Biyyaalessaa Ityoophiyaa obbo Wubisheet Ayyalaan hubachiisaniiru.
Boordichi deeggarsaa fi hordoffii barbaachisu kan taasiisu ta’uu mirkaneessaniiru.
Paartileen siyaasaa qabxiilee dhiyaatanirratti mari’achaa jiraachuu ibsameera.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.