Fana: At a Speed of Life!

Wayita tajaajillu abdii borii biyya keenyaa yaadaa haa ta’u-Dooktar Laggasaa Tulluu

Finfinnee, Qaammee 1, 2015 (FBC)- Wayita tajaajillu abdii borii biyya keenyaa yaadaa haa ta’u jedhuun Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluun ibsan.

Qaammeen 1, guyyaan tajaajiltummaa sadarkaa biyyaalessaatti kabajamaa jira.

Guyyicha ilaalchisuun Dooktar Laggasaan gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, tajaajiluun kabaja; biyya akka Itiyoophiyaa abdii fi qormaata qabdu tajaajiluun ammoo kabaja dachaadha jechuun ibsaniiru.

Sadarkaa biyyaalessaatti guyyaa har’aa wayita kabajnu biyya keenyaaf damee bobbaane irratti tajaajila bu’aa qabeessaa kennuun ashaaraa keenya kaa’aa jiraachuu keenyaa amanaa ta’uu qaba jedhaniiru.

Itiyoophiyaan hojjettoota mootummaa miiliyoona 2.4 ol kan qabdu ta’uu ibsaniiru.

Kenniinsa tajaajilaa fooyyessuun, itti gaafatama baay’ina keenyaan gitu yoo bahanne, karaa hedduun dhaloota boriif daandii qajeelchuun, ashaaraa mul’atu kaa’uun cimuu qaba jedhaniiru.

Misoomaa Itiyoophiyaa fi guddina itti aanuuf akkasumaas bu’uura nageenyaaf kenniinsi tajaajilaa keenya gaheen qabu laayyootti kan ilaalamu miti jedhaniiru.

Guddina diinagdee ittaanu mirkaneessuuf tajaajilaa saffisaa kennuun, dhimma dagatamuu hinqabnedha jedhaniiru.

Diinagdeen Itiyoophiyaa qormaatilee keessoo fi idil addunyaa hedduun qoramaa, addunyaarraa biyyootaaf guddina saffisaa galmeessaa jiran tarreetti kan ramadamtu ta’uu himaniiru.

Bu’aalee jajjabeessoo fooyyessa diinagdee biyya keessaan galmaa’anis, fuulduratti guutummaan firii akka godhataniif, fooyya’iinsi kenniinsa tajaajilaa fi siiviil sarviisii gama mootummaan gaggeeffamaa akka jiru eeraniiru.

Firiin jalqabbiiwwan jijjiiramoota kanneenii guutumman ummataa qaqqabanii rakkoolee jiran waarinaan akka furuuf damee bobba’anirratti itti gaafaama ofii akka sirnaan bahatan of ilaaluun hundarraa kan eegamu ta’uu akeekaniiru.

Miiraa fi walta’iinsa waloon rakkoolee keenya furaa, kenniinsa tajaajilaa keenya ammayeessaa fuulduratti yoo tarkaanfanne Itiyoophiyaa badhaate dhugoomsuun waan hinoolleedha jechuun mirkaneessaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.