Fana: At a Speed of Life!

Weerarri awwaannisaa Baalee aanaa Raayituutti mudate

Finfinnee, Muddee 14, 2012 (FBC) – Weerarri awwaannisaa naannoo Oromiyaa godina Baalee aanaa Raayituutti mudate.

Waajjirri Dhimmoota Koominikeeshinii Aanaa Raayituu akka beeksisetti weerarichi aanichatti muul’ateera.

Akka waajjirichaatti ummanni weeraricha to’achuuf waan dandeettiisaa taasisaa jira.

Hoggansi aanaas ummata duuka ta’uun deeggarsa yeroon gaafatu gochaa jira.

Weerarri awwaannisaa aanichatti mudate kun gara aanaa Daawwee Qachan, Gooroo fi Gurraa Dhaamoleetti akka hin ceene of eeggannaa fi tumsi ni barbaachisa jedheera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.