Fana: At a Speed of Life!

Weerarri vaayrasii koroonaa daa’imman harma hoosisuu hin dhorku

Finfinnee, Adoolessa 24, 2012 (FBC) – Weerarri vaayrasii koroonaa haadholiin daa’imman isaanii harma hoosisuurraa kan hin dhorkine ta’uu Ministeerri Fayyaa beeksise.
 
Guyyaan harma hoosisuu idila addunyaa 28ffaan Adoolessa 25 hanga Hagayya 1 bara 2012 mata duree ‘fayya biyyaaf harma hoosisuu yaa deeggarru’ jedhuun ni kabajama.
 
Ministeerri Fayyaa FDRI dhimmicharratti sagantaa hubannoo uumuu gaazeexeessitootaf qopheesserratti ayyaannichi akka Ityoophiyaa yeroo 12ffaaf kan kabajamu ta’uu beeksiseera.
 
Haadholiin tokko tokko sodaa weerara vaayrasii koroonaaf jecha daa’imman isaanii aannan qorqoorroo kennaafii jiraachuu Ministeerichaatti daayreektarri haadholii fi daa’immanii Dooktar Masarat Zalaalam ibsaniiru.
 
Yaa ta’uutii hanga ammaatti haadholiin sababa weerara vaayrasii koroonaan daa’imman isaanii harma akka hin hoosifne wanti dubbatame hin jiru jedhan.
 
Haadholiin ajaje ogeeyyii fayyaarraa kannamuuf hojiirra oolchuun nyaata dabalataan malee daa’imman isaan baatii 6f harma hoosisuu akka qaban hubachiisaaniiru.
 
Maddi:-TOI
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.