Fana: At a Speed of Life!

Weerarri vaayrasii koroonaa kisaaraa Doolaara biiliyoona 84 ol damee geejjiba qilleensarraan ga’uu danda’a

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2012 (FBC) – Weerarri vaayrasii koroonaa kisaaraa Doolaara biiliyoona 84 ol damee geejjiba qilleensarraan ga’uu danda’a jedhame.
 
Bara kana sababa weerara vaayrasii koroonaan kisaaraan Doolaara biiliyoona 84.3 daandiiwwan qilleensarra qaqqabuu akka danda’u Dhaabbanni Geejjiba Qilleensaa Idila(IATA) Addnunyaa beeksise.
 
Kisaaraan kun seenaa geejjiba qilleensaa idila addunyaa keessa isa olaanaa fi muul’ate kan hin beekne ta’u danda’a jedhame.
 
Daandiiwwan qilleensaa imalaa tokkorraa doolaara 38 argachuu qaban dhabaniiru.
 
Waliigala tilmaaman daandiiwwan qilleensaa imaltoota biiliyoona 2.2 kan dhaban ta’uu ibsameera.
 
Maddi:IATA
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.