Fana: At a Speed of Life!

Wiirtichi ka’umsa wailitti bu’insa barattootaa yuunivaarsiitii ilaalchisuun ibsa baase

Finfinnee, Hagayya 19, 2012 (FBC) –Wiirtuun Giddina Mirgootaa fi Demokiraasii firii qorannoo isaa ka’umsa godhuun dhimmootaa fi ka’umsa wailitti bu’insa barattootaa yuunivaarsiitii ilaalchisuun ibsa baaseera.

Wiirtuun Giddina Mirgootaa fi Demokiraasii ibsa Faanaa Broodkaastiingi Koorporeetiif ergeen bara barnootaa 2012tti yuunivaarsiitiiwwan Ityoophiyaa keessatti walitti bu’insa uumamanii fi miidhaa qaqqaban Wiirtuun Giddina Mirgootaa fi Demokiraasii hordofaa turuu beeksiseera.

Walitti bu’insi barattoota yuunivaarsiitii gidduutti uumamu yeroodha gara yerootti guddachaa dhufuu hubachuun Wiirtuun Giddina Mirgootaa fi Demokiraasii marii fi qorannoo dursaa gaggeessuu ibseera.

Firiin qorannoo isaa maddi rakkoo sirna barnoota, haala bulchiinsaa fi siyaasa biyyatti waliin kan walqabatu ta’uu raga argachuu ibseera.

Walitti bu’insa yuunivaarsiitiiwwanitti uumammeen lubbuun barattoota 12 yoo darbu, barattoota 58 irra miidhaa salphaa fi cimaan qaqqabeera.

Yuunivaarsiitiiwwan 28 walitti bu’insa salphaa fi cimaa keessumeessuun adeemsi baruu fi barsiisuu adda ciccituu ibsa isaan agarsiiseera.

Wiirtuun Giddina Mirgootaa fi Demokiraasii qaamni dhimmi ilaallatu hundi walitti bu’insi barattoota Yuunivaarsiitii akka hafuuf akka hojjetan waamicha dhiyyeesseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.