Fana: At a Speed of Life!

Wixineen labsii eksaayiz taaksii haaraan fooyya’ee bahe meeshaalee tokko tokko irratt hir’ifama gatii ni fida

Finfinnee, Muddee 21, 2012 (FBC) – Taaksii dabalata galii fooyyeessuuf qorannoon gadi fageenyaan gaggeeffamuu Ministeerri Galiiwwanii beeksiseera.

Kaayyoon taaksii dabalata galii fooyyeessuu waantoota  hawaasa miidhan hambisuu fi galii fooyyeessuuf akka ta’e Ministirri Ministeera Galiiwwanii aadde Adaanach Abeebee dubbataniiru.

Wixineen labsii taaksii dabalata galii fooyya’e kun eksaayiz taaksiin guddina biyyaaleessummaa waliin akka wali gituu fi sirna taaksii bu’aa qabeessa taasiisuuf qorannoo itti yaaddamee qophaa’e ta’uu ibsaniiru.

Taaksiin dabalata galii biyyaaf faayidaa olaanaa qabaachuu kan himan daayreektooreetiin daayreektar qorannoo Imaammata taaksii Ministira Maallaqaa obbo Mulaay Walduu labsichi bara 1995 erga hojiirra oolee booda fooyya’iinsa muraasa qabaatus fooyya’iinsi bu’uraa hin taasiifamneef jedhan.

Wixineen fooyya’e gosa meeshaalee tokko tokko irratti hir’afama gatii fiduu danda’a jedhaniiru.

Meeshaaleen biyya keessatti oomiishaman gatiin isaa madaallawaa akka ta’uu fi konkolaattoonni moofaan naannoo faalan baayy’inaan gara biyya keessaa akka hin galle ni labsichi kan gargaaru ta’uu obbo Mulaay ibsaniiru.

Konkolaattoota biyya keessatti oomishamanii fi haaraaf taaksii dabalata galii hir’isuu fi  baasii suphaa hambisuuf  kan gargaaru ta’uus ragaan Ministeera Galiiwwanii irraa argame ni agarsiisa.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.