Fana: At a Speed of Life!

Woorld Viizhin Finfinneetti tamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf deeggarsa meeshaalee yaalaa Birrii miiliyoona 2.52 laate

Finfinnee, Fulbaana 20, 2013 (FBC)- Woorld Viizhin Finfinneetti tamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf deeggarsa meeshaalee yaalaa Birrii miiliyoona 2.52 laate.
Dhaabbatichi deeggarsicha Biiroo Fayyaa Finfinneef laatera.
Hogganaan biirichaa Dooktar Yohaannis Caalaan tumsichi tamsa’ina vaayrasichaa qolachuuf kan oolu ta’uu beeksisuun, deeggarsa taasifameef galateeffataniiru.
Ityoophiyaatti namoota vaayrasichaan qabaman keessaa %70 Finfinnee keessa kan jiraatan ta’uus eeraniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.