Fana: At a Speed of Life!

Worlid Viizyiin Ityoophiyaa naannolee lama waliin waliigaltee hojii misoomaa birrii biiliyoona 1 fi miiliyoona dhibba 2 mallatteesse

Finfinnee, Gurraandhala 19, 2013 (FBC) – Worlid Viizyiin Ityoophiyaa waggoottan shanan dhufan keessatti sagantaa misooma qindaa’aa raawwachuuf naannoo Sidaamaa fi Naannoo Kibbaa waliin waliigaltee Birrii biiliyoona 1 fi miiliyoona dhibba 2 mallatteesse.

Sirni waliigaltee kun har’a magaalaa Hawaasaatti gaggeeffameera.

Daayreekatarri sagantaa Fiildii fi bulchiinsa Ispoonsarshiip Worlid Viizyiin Ityoophiyaa aadde Illeenii Margaan naannolee kanneen waliin waliigaticha mallatteessaniiru.

Maallaqicha keessaa birrii biiliyoonni 1 ol naannoo Kibbaatti sagantaa misoomaaf kan oolu yoo ta’u, birrii miiliyoonni 69.3 ammoo naannoo Sidaamaatti hojiirra oola jedhame.

Itti aanaan hogganaan biiroo Faayinaansii naannoo Kibbaa obbo Ayyaalew Zinnaa fi hogganaan biiroo Faayinaansii naannoo Sidaamaa obbo Araarsoo Garramoo naannoo isaanii bakka bu’uun waliigalticha mallatteessaniiru.

Akkaataa waliigaltichaan sagantichi naannoo Kibbaatti godinaalee 6 fi aanaalee 12 keessatti hojiirra oola jedhame.

Naannoo Sidaamaattis namoota kuma 66 ol fayyadamoo kan taasiisu ta’uu aadde Illeenii Margaaniin ibsaniiru.

Sagantichi hojiilee dhiyeessii bishaan dhugaatii,eeggumsa Fayyaa, Barnootaa, wabii midhaan nyaataa, qulqullinni dhuunfaa fi eeggumsa daa’immanii kan hammatu ta’uu ibsameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.