Fana: At a Speed of Life!

Xaa’oo oomisha bara 2016/17’f oolu geejjibsiisuun eegalame

Finfinnee, Onkololeessa 19, 2016 (FBC) – Xaa’oo biyyoo bara Oomishaa 2016/17’f oolu Geejjibsiisuun eegalamuu Dhaabbanni Tajaajila Geejjiba Galaanaa fi Loojistiiksii beeksiiseera.

Dooniwwan Xaa’oo biyyoo fe’an marsaan jalqabaa kaleessa Jibuutii ga’uu eerameera.

Dooniin Oomoorfii Maajuuroo jedhamtu xaa’oo biyyoo Yuuriyaa bara oomishaa 2016/17’f oolu MeetirikToonii kuma 51 fi 420 Buufata Doonii Ijiptii fe’uun kaleessa galgala Jibuutii qa’uu ibsameera.

Xaa’oo biyyoo Jibuutii ga’e hojiin gara biyya keessaa geejjibsiisuu eegalamuu ibseera.

Bara Oomishaa 2016/17 Xaa’oo Biyyoo kuntaala miiliyoona 23 dhiyeessuuf karoorfamuu ragaan Dhaabbata Tajaajila Geejjiba Galaanaa fi Loojistiiksiirraa argame ni mul’isa.

Xaa’oo NPS dabalatee bittaan xaa’oo kuntaala miiliyoona 13 raawwatamuu Ministeerri Qonnaa beeksisee ture.

#Oromiyaa #Ityoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.