Fana: At a Speed of Life!

Xaa’oon Biyyoo gatii madaallawaan qonnaan bulaa bira akka ga’u to’annoon ni taasiifama – Ministeera Qonnaa

Finfinnee, Eebla 13, 2015 (FBC) –Xaa’oon Biyyoo deeggarsi mootummaa Birriin biiliyoonni 21baasii itti ta’e gatii madaallawaan qonnaan bulaa bira akka ga’u to’annoon kan taasiifamu ta’uu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Bara oomishaa 2015/16 xaa’oon biyyoo kuntaalli miiliyoonni 12.8 alaa galuu Hojii Raawwachiisaan Hariiroo Ummataa fi Kominikeeshinii Obbo Kabbadaa Laaqaw ibsaniiru.

Bittaa xaa’oo biyyoo kanaaf Mootummaan kuntaala tokkotti hanga Birrii kuma 1 fi 566 deeggarsa taasisuu eeraniiru.

Xaa’oon kun gatii madaallawaan Qonnaan bultoota bira akka ga’u to’annoo cimaan kan taasifamu ta’uu Obbo Kabbadaan Faanaa Biroidkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Xaa’oo alaa gale keessaa kuntaalli miiliyoonni 5 qonnaan bultootaaf Raabsamaa jiraachuu himaniiru.

Malaakuu Gadiftu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.