Fana: At a Speed of Life!

Xaa’oon biyyoo kuntaalli miiliyoonni 8.1 buufata Jibuutii ga’e -Korporeeshinicha

Finfinnee, Guraandhala 2, 2016 (FBC) – Xaa’oon biyyoo kuntaalli miiliyoonni 8.1 buufata Jibuutii ga’uu Korporeeshiniin Hojiilee Qonnaa Itiyoophiyaa beeksiise.

Dooniin Xaa’oo Yuuriyaa jedhamu kuntaala kuma 510 feete guyyaa kaleessa Buufata Jibuutii ga’uu eereera.

Waliigala hanga ammaatti Xaa’oon biyyoo kuntaalli miiliyoonni 8 fi kumni 146 ol buufata Jibuutii ga’uu korporeeshinichi ibseera.

Xaa’oo biyyoo Jibuutii ga’e keessaa kuntaalli miiliyoonni 6 fi kumni 901 gara biyya keessa geejjibsiifamuu himeera.

Dooniin Xaa’oo NPS Booriinii jedhamu kuntaala kuma 738 feete guyyoota 7 booda Jibuutii kan geessu ta’uu ragaan korporeeshinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.