Fana: At a Speed of Life!

Xiyyaara Landanii- Singaapor balali’aa ture raafamni guddaan mudatee lubbuun namaa darbe

Finfinnee, Caamsaa 13, 2016 (FBC) – Balallii Landanii gara Singaapooritti taasifamaa ture raafamni qilleensaa guddaan mudachuun namni 1 yoo du’u, namootni 30 tahan madaa’uu ibsame.
Xiyyaarri Singaapoor Landanii gara Singaapooritti balali’aa ture raafama qilleensaa hamaadhaan rukutamuutu ibsame.
Xiyyaarri Boeing 777-300ER jedhamu balallii irra osoo jiruu raafamni isa mudachuun namni tokko du’uu himameera.
Xiyyaarichi balalii isaa gara Baangkookitti maqsuun sa’aatii 15:45 [8:00GMT] irratti qubate.
Xiyyaarichi imaltoota 211 fi garee balaliistotaa 18 qabachuun balali’aa akka ture daandiin qilleensichaa ibseera.
Daandiin qilleensichaa qondaalota Taayilaandi waliin tahuun miidhamtootaaf deeggarsa medikaalaa kennaa jiraachuu BBCn gabaaseera.
Balalicha irratti waanti mudate haalan ifaa miti jedhameera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.