Fana: At a Speed of Life!

Xiyyaarri Chaayinaan hojjette balalii idilee jalqaban milkaa’e

Finfinnee, Amajjii 21, 2015 (FBC)- Chaayinaan dandeetti isheen kan oomishte xiyyaarri “C-919″ jedhamu, balalii yaalii boodaa kaleessa balalii idilee jalqabaa milkaa’inaan gaggeessuun gabaafame.

Xiyyaarichi bara Faranjootaa Mudde 26, 2022 balalii yaalii sa’aatiiwwan 100 gaggeessuu CGTN gabaasa isaan yaadachiiseera.

Qabeenyummaan isaa kan Daandii Qilleensaa Chaayinaa Bahaa kan ta’e xiyyaarichi, buufata xiyyaaraa Hoongikiyaa’oo Shaangaay irraa ka’uun Buufataa Xiyyaraa Idil Addunyaa Naanchaangi Chaanbeyitti balalii milkaa’aa gaggeessuun eerameera.

Xiyyaarichi Koorporeeshinii Oomishaa Xiyyaarota Daldalaa Chaayinaan kan oomishame ta’uun ibsameera.

Bulchiinsi Siviil Aviyeeshinii Chaayinaa, xiyyaarichi milkaa’inaan balalii gaggeessuu qorannoo erga mirkaneesseen booda, eeyyamni hojii akka kennamuuf Daayrektarri Giddugalaa Ajaja Oomisha Jiyaangizii Daandii Qilleensichaa Wuu Jiinjuun dubbataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.