Fana: At a Speed of Life!

Xiyyaarri Waraanaa Ameerikaa Lixa Jaappaanitti kufee caccabuu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 19, 2016 (FBC) – Xiyyaarri Waraanaa Ameerikaa Lixa Jaappaan qarqara galaana Odola Yaakuushiimaatti kufee caccabuu dhaga’ame.

Kana hordofee Eegdoonni Qarqara Galaanaa Jaappaan Dooniwwanii fi Xiyyaaroota dhimmicha qoratan gara Odolichaatti erguu ‘Defence Blog’ gabaaseera.

Xiyyaarri ‘CV -22 Osprey’ jedhamuun beekkamu kufuu isheen dura mooraa waraanaa Ameerikaa Yookootaa Jaappaanitti argamuu namoota 8 feetee turuu maddeen Raayya Ittisaa Jaappaanirraa argame ni mul’isa.

Dubbii Himaan Humna waraana Ameerikaa naannawichaa haala uumame ilaalchisee odeeffannoo sassaabaa jiraachuu himeera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.