Fana: At a Speed of Life!

Yaada Preezdaant Traamp filannoo dheereessuuf dhiyeessan hoggantoonni olaanoon Riippaablikaanootaa fudhatama dhabsiisan

Finfinnee, Adoolessa 24, 2012 (FBC) – Yaada Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp filannoon biyyattii baatii Sadaasaa 2020 gaggeeffamu akka dheeraatuuf dhiyeessan hoggantoonni olaanoon Riippaablikaanootaa fudhatama dhabsiisan.
 
Dursaan seenaatara Mana Maree Olaanaa Ameerikaa Mich Maakikooneel fi dursaan Mana Maree gadi aanaa Keeviin Maakikaarti yaadichi kuffisaniiru..
 
Traamp,sababa weerara vaayrasii koroonaan filannoon tajaajila poostaan gaggeessuuf yaaddame waliin dhahamuu danda’a jedhuun yaada dhiheessanii turan.
 
Aangoon kan Koongiransii ta’uu kan eeran aanga’oonni kunneen, preezdaantichi filannoon Preezdaantummaa akka dheeratu taasisuu hin danda’an jedhaniiru.
 
Yaadni Preezdaanti Traamp filannoon Preezdaantummaa akka dheeratu dhiyeessan hoggantoota olaanoo paartii isaanii Riippablikaanootarraa mormii cimaan isa muudateera.
 
Maddi:-BBC
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.