Fana: At a Speed of Life!

Yaada ummata faayyadu simachuuf qophiidha-Obbo Dastaa Leeddaamoo

Finfinnee, Hagayya 9, 2014 (FBC) – Mootummaan Naannoo Sidaamaa yaada kamiyyu kan ummata fayyaduu danda’u simachuuf qophiidha jedhan Pireezidaantiin Naannichaa Obbo Dastaa Leeddaamoo.

Marii godinaalee Naannoo Sidaamaa gurmeessuurratti xiyyeeffaterratti kan argaman Obbo Dastaan, caaseffama godinaalee naannichaa gurmeessuuf koreen hundaa’ee qo’annoon gaggeeffamuu ibsan.

Walitti Qabaan Koreen Qo’annoo Gurmaa’ina Godinaalee fi Ittaanaan Pireezidaantii Naannichaa Obbo Bayyanaa Baraas gama isaaniin, qo’annichi wayita gaggeeffamu fayyadamummaa hawaasa naannawaalee godinaaleen itti hunda’anii mirkaneessuu haala danda’uun ta’uu ibsaniiru.

Marichis, itti gaafatamtootaa hojii sadarkaa naannoo, magaalaa fi aanaalee akkasumas hayyoota waliin kan gaggeeffame ta’uu ragaan Waajjira Pireezidaantii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.