Fana: At a Speed of Life!

Yaadannoon Injifannoo Adwaa gama seenaa dhalootatti dabarsun tumsa olaanaa akka qabaatu ibsame

Finfinnee, Guraandhala 14, 2016 (FBC)- Yaadannoon Injifannoo Adwaa seenaa dhalootatti gama dabarsuun tumsa olaanaa akka qabaatu Hoggantoonni Olaanoo Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa Ibsan.

Hoggantoonni olaanoo tajaajilicha Yaadannoo Injifannoo Adwaa daawwataniiru.

Daayrektarri Ittaanaa Tajaajilichaa Siisaay Tolaan Yaadannoon Injifannoo Adwaa gitu ijaaramuun duudhaa waloo bilisummaa hintuqsisnee fi miira tokkummaa dhalootatti gama dabarsuun tumsa olaanaa qabaata jedhan.

Yaadannichi wareegama tokkummaa fi bilisummaaf kaffalame leellisuurraa darbee hojiilee dhaloota dhufutti darban kan dhaloonni ammaa hojjechaa jiruuf hiika olaanaa akka qabu ibsaniiru.

Daayrektarri Ittaanaan Tajaajilichaa Ristuu Yirdaa gama isaaniin yaadannichi haala seenaa Adwaa barsiisuu fi dhalootatti dabarsuuf mijatuun ijaaramuun kan nama boonsudha jedhan.

Itiyoophiyaanonni yoo gamtooman seenaa hojjechuu akka danda’an, dhimmoota guguddaa tokkummaa cimsaniif fakkeenya akka ta’u kaasaniiru.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeeben gama isaaniin ijaarsa pirojektichaa walharkaa fuudhiinsi seenaa akka jiraatuuf kaayyeeffame kan hojiirra oole ta’uu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.