Fana: At a Speed of Life!

Yaa’ii Mana Maree Naannoo Hararii xumurame

Finfinnee, Guraandhala 14, 2016 (FBC)- Yaa’iin Idileen Mana Maree Naannoo Hararii gaggeeffamaa ture xumurameera.

Yaa’ichi olmaa isaa har’aan Pireezidaantiin Naannichaa Obbo Ordiin Badriin gaaffilee miseensota mana marichaarraa ka’aniif deebii fi ibsa kennaniiru.

Haaluma kanaan invastaroota lafa fudhataanii hinmisoomsin jiranii fi dhimma biroof oolchanirraatti tarkanfiin seera akka fudhatamu ibsaniiru.

Hojiileen carraalee hojii uumuu cimanii itti fufuu akka qaban eeruun qaala’insa jireenyaa tasgabeessuufis omisha dabaluu fi gatii meeshaalee bu’uuraa to’achuu, akkasumas daldaltoota seeraan ala socha’an irratti tarkaanfii fudhaachuuf xiyyeeffannaan kan hojjetamu ta’uu akeekaniiru.

Buqqaafamtoota misoomaa deebisanii dhaabuufis akkaataa fayyadamummaa isaanii mirkaneesseen xiyyeeffannaan kan hojjetamu ta’uu Obbo Ordiin ibsaniiru.

Yaa’ichi Aadde Roozaa Umaar Pirisdaantii Ittaantuu Naannoo Hararii akka ta’an muudama dhiyaate raggaasiseera.

Yaasiin Shamsaddiintu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.