Fana: At a Speed of Life!

Yaa’ii Meedikaal laabiraatoorii Ityoophiyaa 28ffaan gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2015 (FBC)- Yaa’iin Meedikaal Laabiraatoorii Ityoophiyaa 28ffaan Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Waldichi erga hundeeffamee eegalee ogummaa damechaa gabbisuu fi fooyyessuuf hojjechaa jiraachuun ibsameera.

Yaa’ichi, hojiirra oolmaa misoomaa imaammataa meedikaal laabiraatoorii, ga’umsa bulchiinsa laabiraatoorii cimsuu fi dhimmootaa biroorratti kan xiyyeeffate ta’uun himameera.

Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan waltajjicharratti haasawaa taasisaniin, gama waliingahiinsaa fi qulqullinaan damee meedikaal laabiraatooriin rakkooleen akka mul’atan ibsaniiru.

Furmaata isaaf dhiyeessii galtee dabalatee walitti fufiinsaan hojiileen hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Mintasinoot Mulugeetaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.