Fana: At a Speed of Life!

Yaa’ii paartii Badhaadhinaa hordofee daandiiwwan cufaman ifooman

Finfinnee, Bitootessa 2, 2014 (FBC)- Qophiiwwan Yaa’ii paartii Badhaadhinaa hordofee daandiiwwan cufaman ifoomaniiru.

Yaa’iin paartii Badhaadhinaa magaalaa Finfinneetti kan gaggeeffamu yoo ta’u yaa’icha hordofee hojiileen garaagaraa hojjetaman milkaa’inaan akka xumuramaniif qaamoleen nageenyaa qophii barbaachisaa taasisuun gara hojiitti galuu Humni waloo qaamolee nageenyaa beeksiseera.

Yaa’icha hordofee Bitootessa 2-5,2014tti magaalichatti sagantaaleen garaagaraa kan gaggeeffaman ta’uu ibsameera.

Haaluma kanaan Bitootessa 2, 2014 naannoo Kiiloo 4tti qophiin gaggeeffamu jalqabee hanga xumuramutti daandiiwwan kallattii garaagaraarraa gara Kiiloo 4 geessan, Filoowaa gara Hoteela Sharaatan, Gaaraajii Sharaatanirraan gara Mana Maxxansaa Nigd, Addabaabayii Teewodiroosii gara Koonsan fi Bakka bashannanaa Ambaasaaddarii gara Hoteela Sharaatan geessan konkolaataaf cufaa ta’uu ibsameera.

Dabalataanis qophii walfakkaataan Bitootessa 5, 2014 eegalamee hanga xumuramutti daandiiwwan gara Kiiloo 4 geessan,  Qabbannaarraa Beeleeriin gara Kiiloo 4 ibsaa Beeleer irratti, Kiiloo 6 irraa gara Kiiloo 4 ibsaa tiraafikaa Qidist Maariyaam irratti, Piyaassaarraa Sabaadarajaan gara Kiiloo 4 kan geessu Biiroo Bulchiinsa kutaa magaalaa Araadaarratti, Addabaabaayii Teewodiroos irraa gama Irriibekantuu Kiiloo 4 geessu ibsaa Irriibakantuurratti, Gabaa Awwareerraa gama Xiyyiit Beetiin Kiiloo 4 kan geessu Addabaabayii Awwaareerratti fi Koonsan irraa gara Paarlaamaa kan geessu konkolaataaf cufaa ta’uu eerameera.

konkolaachistoonni daandiiwwan filannoo akka fayyadamanii fi miseensota poolisii tiraafikaaf deeggarsa barbaachisu akka taasisan humni walichaa yaadachiiseera.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.