Fana: At a Speed of Life!

Yaa’ii Waloo Gamtaa Awurooppaa fi Afrikaa irratti dhimmoonni ijoon Ityoophiyaan kaaste fudhatamummaa argataniiru- Ambaasaaddar Hiruut Zammanaa

Finfinnee, Gurraandhala 11, 2014 (FBC) – Yaa’ii Waloo Gamtaa Awurooppaa fi Afrikaa 6ffaa irratti dhimmoonni ijoon Ityoophiyaan kaaste fudhatamummaa argachuu  Beeljiyeem, Luuksanbargii fi Dhaabbilee Awurooppaatti Ergamtuun Dhaabbii Ityoophiyaa Ambaasaaddar Hiruut Zammanaa ibsan.

Muummeen Ministiraa  Abiy Ahimad yaa’icha cinaatti, marii bu’aa qabeessa fayyadamummaa Ityoophiyaa mirkaneessaan taasisuu isaanii Ambaasaaddar Hiruut himaniiru.

Yaa’ii waloo kanarratti Ityoophiyaan haala tumsaa fi michummaa, dhimma nagaa fi tasgabbii, dhimma waa’ee dhageetti sagalee Afrikaa, akkasumas dhimmoota Gamtaa Afrikaa waliin walqabatan kaasuun fudhatama argachuu eeraniiru.

Hariiroon Gamtaa Afrikaa fi Awurooppaa walqixxummaan fayyadamummaa waloo irratti tumsa bu’uureffame akka ta’us, Ityoophiyaan kaasuu dubbataniiru.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad yaa’icha irratti yaadota fayyadamummaa Ityoophiyaa akkasumas Afrikaa cimsan kan kaasan yoo ta’u, kana cinaatti hoggantoota biyyoota gara garaa waliin hariiroo biyyoota lameenii irrattis mari’ataniiru.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.