Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin addaa Gamtaa Afrikaa 17ffaan Niijeeritti gaggeeffame

Finfinnee, Sadaasa 16, 2015 (FBC) – Yaa’iin addaa Gamtaa Afrikaa 17ffaan Niijeer Niyaamiitti gaggeeffameera.

Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin yaa’icharratti hirmaataniiru.

Yaa’icha cinaatti hoggantoota biyyoota adda addaa waliin dhimoota waloorratti mari’ataniiru.

Akkasumas walga’ii gabaa Elektirooniksiirratti argamuun haasawa taasiisaniin ardichatti dargaggootaaf carraa hojii uumuun dhimma ijoo ta’uu dubbachuu isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.