Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Beeksisa daldala galii Idil Addunyaa Chaayinaa 6ffaan magaalaa Finfinneetti eegale

Finfinnee, Caamsaa 4, 2015(FBC)- Yaa’iin Beeksisa daldala galii Idil Addunyaa Chaayinaa 6ffaan magaalaa Finfinneetti gaggeeffamuu eegaleera.

Yaa’icharratti hoggantoonni olaanoon mootummaa, daldaltoonni al-ergiifi qaamoleen dhimmatootaa biroon argamaniiru.

Yaa’ichaan haala hariiroo daldalaa Ityoophiyaafi Chaayinaa guddisuun danda’amurratti kan mari’atamu ta’uufi hoggantoonni mana mare daldalaa biyyoota lameeniifi qaamoleen qooda fudhattootaa muuxannoo kan wal jijjiiran ta’uu ibsameera.

Hariiroon gam-lamee biyyoota lameenii waggoottan 50 lakkoofsisuufi dameewwan garaagaraan cimaa dhufuu Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Chaayinaa Zhaa’oo Zhiiyuu’an eeraniiru.

Biyyoonni lameen damee daldalaafi invastimantiin tumsa isaanii cimsaa dhufuu eeruun, bara faranjpootaa 2022 waljijjiirraan daldalaa biyyoota lameenii Doolaara biiliyoona 2.7 gahuu yaadachiisaniiru.

Mootummaan Chaayinaa tumsi daldalaafi invastimantii gara sadarkaa olaanaatti akka guddatuuf fedhii guddaa qabaachuu kaasaniiru.

Bakka Bu’aan Ministira Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Obbo Daanyaachawu Attinkuu gamasaaniin, waggoottan 30 darbanitti tumsi daldalaafi diinagdee biyyoota lameenii guddina olaanaa argamsiisaa jiraachuu eeraniiru.

Agarsiisni dhaabbileen oomishtootaafi al-ergii Ityoophiyaa oomishaalee isaanii itti beeksisan bara dhufu baatii Sadaasaa keessa Chaayinaa magaalaa Shaangaayitti kan gaggeeffamu ta’uu ibsaniiru.

Ityoophiyaatti Yaa’iinsi invastimantii dhaabbilee Chaayinaa Doolaara biiliyoona 3.3 gahuu waltajjicharratti ibsameera.

Wandasan Araggaanyitu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.