Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin bulchiinsa Intarneetii Idil Addunyaa 17ffaan xumurame

Finfinnee, Sadaasa 23, 2015 (FBC) – Qopheessummaa Ityoophiyaan gaggeeffamaa kan ture Yaa’iin Bulchiinsa Intarneetii Idil Addunyaa 17ffaan milkiin xumurameera.

Sirna cufiinsa yaa’ichaarratti kan argaman Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin qaamolee yaa’ichi milkiin akka xumuramu qooda qaban hunda galateeffataniiru.

Rakkoolee bulchiinsa Intarneetiin walqabatan furuuf qindoominaan kan hojjetamu ta’uu Itti Aanaa Barreessaa olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Lii Juunhuuwaan ergaa Viidiyoon darbarsaniin ibsaniiru.

Hirmaannaan Afrikanootaa yaa’icha keessatti mul’ate olaanaa ta’uu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Barreessaa Olaanaan Dhimmoota Diinagdee fi Hawaasummaa Antooniyoo Peedroon ibsaniiru.

Dhimmoonni Afrikaa akka haalan dhaga’amu xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu dubbachuu isaanii ragaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojirraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.