Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin dureewwan Gamtaa Afrikaa milkiidhan xumuramuu Dr Abiy beeksisan

Finfinnee, Gurraandhala 3, 2012 (FBC) – Yaa’iin dureewwan Gamtaa Afrikaa milkiidhan xumuramuu muummee ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad beeksisan.
 
Yaa’ichaan gamticha sadarkaa olaanaatti ceesisuuf mari’atamuu Dooktar Abiy beeksisaniiru.
 
Guddina diinagdee, hawaasummaa, siyaasaa fi tokkummaa aardii Afrikaa caalmadhaan cimsuuf xiyyeeffannoodhan kan mari’atamedha jedhaniiru.
 
Yaa’icharratti preezdaantonni biyyoota Afrikaa 32, itti aantonni preezdaantii 3, muummeewwan ministiraa 7, akkasumas muummeewwan ministiraa biyyoota Afrikaatiin alaa dhufan 3 hirmaataniiru.
 
Dooktar Abiy ibsa isaanitiin Ityoophiyaan bu’uureffama Dhaabbata Tokkummaa Afrikaarraa kaasee amma Gamtaa Afrikaatti ga’ee olaanaa taphachuu beeksisaniiru.
 
Yaa’ii hoji raawwachiistuu 36ffaa fi kan dureewwanii 33ffaa Gamtaa Afrikaa gaggeessuu keessattis tokkummaan aardichaa gama hundaan akka cimu gochuu keessatti qooda qabdi jedhaniiru.
 
Yaa’iin dureewwanii nagayaan eegalamee akka xumuramu jiraattonni magaalaa Finfinnee, hoteelonnii fi hoggansi mootummaa sadarkaan jiru qoodasaa sirnaan ba’ateera jechuunis galateeffataniiru.
 
Caasaan nageenyaa hirmaannaa qabu hundi bifa ammayyaa’aa fi itti gaafatamummaan guutameen hojiisaa raawwateeras jedhaniiru muummee ministiraa.
 
Ityoophiyaanonni tokkummaan dhaabbachuudhan humna keessoo fi nageenya keenya cimsannee, naannoo fi Afrikaa akkasumas hidhata addunyaa waliin qabnu cimsuuf yaa hojjennuun dhaamaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.