Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Fayyaa 9ffaa naannoo Gambeellaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 12, 2013 (FBC) – Yaa’iin Fayyaa 9ffaa naannoo Gambeellaa gaggeeffamaa jira.
Hoogganaan Biiroo Fayyaa naannichaa Root Gaatooch naannichatti damee fayyaa waliingahuun hawaasa fayyadamoo taasisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
Vaayrasii koroonaa ittisuurra darbee jiraattoonni naannichaatti argaman haguuggii afaanii fi funyaanii godhachuun ofii isaanii akka eegganiif hojiin hubannoo uumuu hojjetamaa jira jedhaniiru.
Naannichatti tattamsa’ina HIV hir’isuuf hojiin hubannoo uumuu eegalamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Dabalataanis, tattamsa’ina bookee busaa hir’isuuf hojiin agoobara rabsuu fi keemikaala biifuu xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.