Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Bulchiinsa Magaalaa Shaggar hundeeffame

Amajjii 1, 2015(FBC)- Manni Maree Bulchiinsa Magaalaa Shaggar hundeeffame.

Manni Marichaa obbo Qaabatoo Albee Af-Yaa’ii, Aadde Tsahaay Dabalee ammoo Ittaantuu Af-Yaa’ii taasisuun moggaaseera.

Dabalataanis Dooktar Tashoomaa Addunyaa kantiibaa Magaalaa Shaggar taasisuun muudeera.

Kaayyoon hundeeffama magaalichaa, magaalicha  ammayyeessuuf, misoomaaf hawwataa taasisuuf, akkasumas magaala giddu-gala diinagdee, siyaasaafi hawaasummaa taasisuuf ta’uu kantiibaan magaalichaa  Dooktar Tashoomaa Addunyaa eeraniiru.

Magaalaa Shaggar jedhamuun bakka tokkotti kan gurmaa’an magaalota, aanaaleefi gandoota magaala Finfinneetti marsanii jiran ta’uu ibsaniiru.

Magaalichatti giddu gala gabaafi bu’uuralee misoomaa  babal’isuun faayidaafi mirga ummanni Oromoo Finfinneefi naannawichaarraa qabu bu’uura cimaarra ka’uun kaayyoo jalqabaa hundeeffama magaalichaa tahuu hubatamuu qaba jedhan.

Shaggar Kutaalee magaalaa 12,Aanaalee 36n kan hundeffameefi itti waamamni bulchiinsa magaalichaa Pirezidaantii bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaaf akka ta’e sirna hundeeffama magaalichaarratti eerameera.

Gammachiis Taarikuufi Adaanech Abbabaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.