Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Innooveeshinii Diijitaalaa Afrikaa 19ffaan gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 3, 2014 (FBC) – Yaa’iin Innooveeshinii Diijitaalaa Afrikaa 19ffaan magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Yaa’ichi qabiyyee fi tajaajila diijitaalaa irratti xiyyeeffachuun gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.

Biyyoonni akka Ityoophiyaa aadaa fi afaan hedduu qaban qabiyyee fi tajaajila diijitaalaa hawaasaan ga’uun hirmaachisummaa diijitaalaa mirkaneessuu akka qaban Ministir Deetaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Huuriyaa Aliin ibsaniiru.

Ityoophiyaan tarsiimoo diijitaalaa 2025 ishee keessa qabiyyee fi tajaajila diijitaalaa galchuun hojjechaa jiraachuu himuun, dhiyeessitoonni qabiyyee biyya keessaa, oppireetaroonni telekoomii fi dhaabbileen idil addunyaa damicharratti bobba’an itti fufiinsa qabiyyee diijitaalaa mirkaneessuuf ga’ee isaanii ba’achuu akka qaban dhaamaniiru.

Daayrektarri olaanaan Abbaa Taayitaa Kominikeeshinii Ityoophiyaa Injinar Baalchaa Reebaan gamasaaniin, Imala diijitaala Ityoophiyaa galmaan ga’uuf mootummaan xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu addeessaniiru.

Ityoo Telekoom tajaajila neetwoorkii dhaloota 5ffaa( 5G) eegaluun isaa uwwisa tajaajila diijitaalaa babal’isuuf ga’ee olaanaa qabachuu  eeraniiru.

Yaa’icharratti hoggantoonnii fi ogeeyyiin  damichaa biyyoota 30 olii akkasumas dhaabbileen tajaajila telekoomii kennan hirmaachaa jiru.

Fatiyaa Abdallaatu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.