Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Mana Maree bulchiinsa magaalaa Dirree Daawaa baajataa fi mudamoota dhiyaatan raggaasisuun xumurame

Finfinnee, Hagayya 1, 2012 (FBC) – Yaa’iin Mana Maree bulchiinsa magaalaa Dirree Daawaa baajataa fi mudamoota dhiyaatan raggaasisuun xumurame.
 
Manni marichaa yaa’ii idilee 44ffaa bara hojii 2ffaa guyyoota lamaaf gaggeesseen baajata bara 2013 biiliyoona 4 fi miiliynna dhibba 2 fi miiliyoona 14 raggasise.
 
Wiixinee labsii baajata bara 2013 dhiyaate keessaa Birrii biiliyoonni 1 fi miliyoonni dhibbi 5 fi miiliyoonni 70 mootummaa federaalaan kan uwwifamu ta’uu ibsameera.
 
Baajata dhiyaate keessaa Birrii biiliyoonni 2 fi miiliyoonni dhibbi 3 fi miiliyoonni 15 proojaktoota fi misooma itti fufiinsaa raawwaachuuf kan oolu yoo ta’u, kan hafa hojii idilee raawwachiisuuf oola jedhame.
 
Hojiirra oolmaa baajatichaaf hordoffii fi too’annoon cimaa kan taasifamu ta’uu himameera.
 
Gama biroon yaa’icha mudamtoota dhiyaatan kan mirkaneesse yoo ta’u, obbo Gabayahu Xilahuun hogganaa biiroo bulchaansa lafaa fi manaajmantii, Siisteer Lamlam Bazzaabbihi hoggantuu Biiroo fayyaa, obbo Mahadii Sa’iid abbaa seeraa sadarkaa jalqabaa bulchiinsa magaalichaa ta’uu mudamaniiru.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.