Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Waloo dhaabbilee Siiviilii Hawaasaa fi mootummaa hundaa’e

Finfinnee, Amajjii 30, 2015 (FBC) – Yaa’iin Waloo dhaabbilee Siiviilii Hawaasaa fi mootummaa har’a sadarkaa federaalaatti magaalaa Finfinneetti hundaa’eera.

Yaa’ichi waltajjii tumsaa dhimmoota imaammataa fi tarsiimoo dhaabbilee Siiviilii haawaasaa federaalaa fi mootummaa ta’uu eerameera.

Yaa’iin waloo kun hundaa’uun qaamoleen lamaan walitti dhiheenyaan akka hojjetaniif kan gargaaru ta’uu Ministeera Haqaatti Ministir Deetaan Damee Abbaa Alangaa waliigalaa Obbo Fiqaaduu Tsaggaan ibsaniiru.

Nageenya waaraa, misooma hirmaachisaa, Bulchiinsa gaarii mirkanneessuu fi mirga namoomaa kabachiisuuf yaa’ichi xiyyeeffannoon kan hojjetu ta’uu Daayrektarri olaanaan Abbaa Taayitaa Dhaabbilee Siivilii Hawaasummaa Obbo Jimaa Dilboon ibsaniiru.

Dhaabbileen siiviilii hawaasummaa walabummaa isaanii eeguun dhimmoota biyyaaf fayyadanirratti mootummaa waliin tumsaan kan hojjetan ta’uu Daayrektarri Olaanaan Mana Maree Dhaabbilee Siiviilii Hawaasaa Obbo Heenok Mallasaan dubbataniiru.

Maddi:-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.