Fana: At a Speed of Life!

Yamanitti bidiruu galaana diimaa keessaatti dhidhimteen lubbuun godaantoota hedduu darbe

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2013 (FBC) – Yamanitti bidiruu galaana diimaa keessaatti dhidhimteen lubbuun godaantoota hedduu darbeera.

Godaantonni Afriikaa osoo gara Yaman imalaa jiranii qarqara biyyattiitti dooniin ittiin dhidhimuun hedduun du’an jedhameera.

Namoonni handaara biyya Yaman bakka qarqara galaanaa Lahj jedhamutti qurxummii kiyyeessaa turan reeffa namoota 25 baasuu ibsameera.

Qondaaltonni naannichaa  doonii guyyaa lama dura dhidhimte kanarra namoota 160 hanga 200 ta’antu turan jedhaniiru.

Dhaabbati dhimma godaantotaa idil-addunyaa (IOM) bidiruun namoota hedduu qabattee dhidhimte gabaasa jedhu mirkaneeffataa akka jiru himeera.

Maddi:-BBC

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.