Fana: At a Speed of Life!

Yugaandaatti namichi dubartoota 3 ajjeese hidhaa waggaa 105’n adabame

Finfinnee, Mudde 4, 2016 (FBC) – Manni murtii olaanaa Yugaandaa Kaampaalaa jiru dargaggeessaa umrii waggaa 25 dubartoota 3 ajjeese hidhaa waggaa 105’n adabeera.

Musaa Musaasiziin Roobii kaleessaa balleessaa raawwachuu erga amaneen booda adabbiin irratti darbeera.

Namni kuni dubartoota jaalalleewwan isaa turan 3 ajjeese ibsameera.

Dubartoota ajjeese 3 keessaa ishee tokkorraa daa’ima qaba jedhame.

Dubartoota kunneen wajjin hariiroo jaalalaa erga jalqabeen booda miidhaa saalaa irraan gahee ajjeesuun reeffa isaanii gubeera jechuun himatameera.

Musaasiziin Bitootessa bara 2021 yeroo qabamu ajjeechaa dubartoota shaniifi daa’imaan shakkamee ture.

Dubartoota kunneen keessaa ishee tokko ajjeesuun kan balleessaa jedhame Adoolessa darbe ture.

Maddi:BBC

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.