Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitiin Haramayaa tajaajila Birrii miiliyoona 357tti tilmaamamu hawaasaaf laachuu ibse

Finfinnee, Bitootessa 2, 2015 (FBC) – Yuunivarsiitiin Haramayaa walakkaa waggaa darbetti tajaajila Birrii miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 57tti tilmaamamu hawaasaaf laachuu ibseera.

Dameewwan Qonnaa, Qabeenya Uumaa, Fayyaa, Seeraa, Bu’uuraalee misoomaa fi Barnootaan tajaajila Birrii miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 57tti tilmaamamu hawaasaaf laachuu yuunivarsiitichatti Itti Aanaan Pireezidaantii Tajaajila Hawaasaa fi Intarpiraayizii Dooktar Yisaaq Yuusuuf dubbataniiru.

Yuunivarstichi piroojektoota qopheessuun dhaabbilee tumsitootaa waliin ta’uun hawaasaaf tajaajila laachaa jiraachuu kaasaniiru.

Hara Haramaayaa dabalatee gaarreen Dhaangagoo fi Qarsaarratti hojii kunuunsa qabeenya uumamaa hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Yohaannis Darribawutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.