Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitii Walqixxeetti daa’imman walitti maxxananii dhalatan adda baafaman

Yuunivarsitii Walqixxeetti daa’imman walitti maxxananii dhalatan adda baafaman

Finfinnee, Bitootessa 25, 2016 (FBC)- Hospitaala Ispeeshaalaayizdi Yuunivarsiitii Walqixxeetti daa’imman lakkuu walitti maxxananii dhalatan tajaajila baqaqsanii wal’aanuu gaggeeffameen haala milkaa’aan adda baafamuun ibsame.

Hospitaalichatti Ispeeshaalistiin Wal’aansa Daa’immanii Dooktar Mulu’aalam Amaaree, akka jedhanitti haalli akkanaa daa’imman kuma 50 hanga kuma 100 keessaa tokkorratti mudachuu danda’a.

Daa’imman hospitaalichatti tajaajilichaan adda baafaman kunneen, daa’imni tokko lubbuun kan dhalate yoo ta’u, guyyaa shanaffaatti tajaajila baqaqsanii wal’aanuu gaggeeffameen, daa’ima lubbuun hinjirre kan daa’imichatti maxxanee dhalateerraa adda baasuun akka danda’ame ibsaniiru.

Daa’imni lubbuun hafes nagaan gara manaatti kan deebifame yoo ta’u, fayyummaa daa’imichaa itti dhiyeenyatti hordofuuf haalli mijachuu dubbachuu ragaan hospitaalicharraa argame ni ul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.