Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsitiin Finfinnee fi ItyooTeeleekoom Sanadaa waliigaltee mallateessan

Finfinnee, Caamsaa 23, 2015 (FBC)- Yuunivarsitiin Finfinnee fi ItyooTeeleekoom dhiyeessii tajaajila qunnamsistuu fi dijiitaala tumsaa tarsiimawaaf waliigaltee mallateessan.

Waliigalteecha Pireezidaantii Yuunivarsiitii Finfinnee Piroofeesar Xaasawu Waldahaannaa fi Hojii Rawwaachistu Olaantuu Ityoo Teelekoom Firehiwoot Taammiruu mallattessaniiru.

Waliigalteechi barattoonni kaffaltiiwwan barnootaa garaagaraa gama Teelee Birriin akka kaffalaniif kan gargaru ta’uun ibsameera.

Pireezidaantiin Yuunivarsitii Finfinnee Piroofeesar Xaasawu Waldahaannaan, guddinni biyyaa kan mirkanaa’uu humna nama barateen ta’uu eeraniiru.

Hojii Rawwachistuun Ityoo Teelekoom Firehiwoot Taammiruu gama isaaniin, ItyooTelekoom sadarkaa biyyaleessatti karoora Dijjitaal Ityoophiyaa dhugoomsuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Saamu’eel Warqaayyootu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.