Fana: At a Speed of Life!

Yuuniyeenichi Gamoo giddu gala Gabaa Birrii miiliyoona 100 oliin ijaarsise eebbisiise

Finfinnee, Onkololeessa 20, 2015 (FBC) – Yuuniyeeniin Waldaa Hojii Gamtaa Qonnaan Bultoota Sikkoo Maandoo Gamoo Giddu gala Gabaa Magaalaa Roobeetti Birrii miiliyoona 100 oliin ijaarsise eebbisiiseera.

Yuuniyeeniin Waldaa Qonnaan Bultoota Sikkoof Mandoo bu’aawwan oomisha qonnarraa argamu indaastiriitti ceesisuun; fayyadamummaa qonnaan bultootaa caalmaatti mirkaneessuuf hojjachaa jiraachuu ibsameera.

Hogganaan Eejansii Babal’inna Waldaalee Hojii Gamtaa Oromiyaa obbo Muhaammad Kamaal waldaalee hojii gamtaa ammayyeessuun warraaqsa diinagdee Oromoo cimsuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Guddinaa fi jijjiiramni Yuuniyeenii Waldaa Qonnaan Bultoota Sikkoof Mandoo biratti mul’ate kunis Waldaalee hojii gamtaa birootiif fakkeenya ta’uu akka qabu dhaamaniiru.

Hojii geggeessaan yuuniyeenichaa obbo Mitikkuu Tashoomaa gama isaaniitiin, yuuniyeenichi makaanaayzeeshinii qonnaa babal’isuun, sanyii filatamaa baay’isuun gatii madaalawaan qonnaan bultootaaf dhiyeessuu baasii hin mallerraa hambisaa jiraachuu himaniiru.

Yuuniyeenichi milkaa’ina baadiyyaarratti mul’es gara magaalaatti fiduun, bu’aawwan qonnaa irraa argaman gara indaastiriitti ceesisuuf tattaaffiirra jiraachuu eeraniiru.

Yuuniyeenichi bara 2014 tti bu’aa qulqulluu Birrii miiliyoona 25 argachuu dubbataniiru.

Getaachaw Mul’ataatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.