Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Haramayaa du’aatii daa’immanii hir’isuuf deeggarsa garaagaraa taasise

Finfinnee, Sadaasa 20, 2014 (FBC) – Yuunvarsiitiin Haramayaa du’aatii daa’immanii hir’isuuf deeggarsa garaagaraa Birrii miiliyoona 5 fi kuma dhibba 4tti tilmaamamu  taasise.

Yuunvarsiitichi karaa proojektii ‘chaampas’ jedhamuu godina Harargee Bahaatti du’aatii daa’immanii umuriin isaanii waggaa 5 gadi ta’e hir’isuuf hojiilee garaagaraa hojjechaa jiraachuu ibsameera.

Hojiilee hojjetaman deeggaruuf Birrii miiliyoona 5 fi kuma dhibba 4tti tilmaamamu baasii taasisuun dhaabbilee fayyaa godinichaaf deeggarsa meeshalee taasisuu eerameera.

Deeggarsichaan maashiniiwwan Altiraa saawondii 22, Firaashiiwwan 48, Sireewwan 51, meeshaa safartoo ho’a qaamaa 36 fi kanneen biroo dhaabbilee fayyaaf kenneera.

Du’aatii daa’immanii hir’isuuf hojiin proojektichi hojjechaa jiru jajjabeessaa ta’uu ibsuun, deeggarsi akka kanaa gara fuulduraattis cimee kan itti fufu ta’uu Preezdaantiin Yuunvarsiitichaa Dooktar Jamaal Yusuuf himaniiru.

Naasir Yusuuftu gabaase.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.