Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Haramayaa naannoo Afaaritti lammiilee buqqa’aniif deeggarsa taasiise

Finfinnee, Hagayya 26, 2013 (FBC) – Yuunvarsiitiin Haramaayaa Naannoo Afaaritti lammiilee sababa waraana gareen shororkeessaa ABUT baneen qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’aniif deeggarsa taasiise.
 
Lammiilee qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’uun naannoo Yuunvarsiitii Samaraa qubataniif meeshaalee Birrii miiliyoona 1.6tti tilmaamamu taasiiseera.
 
Firaashii 150, uffata qorraa 200, ansoolaa cimdii 200, Zayita nyaataa abbaa liitira 20 jaarikaana 100, Ruuzii abbaa kg 25 lakkoofsaan 70, Makoroonii abbaa kg 25 lakkoofsaan 70, paastaa kaartoonii 50 fi Saamunaa dhangala’aa Yuunvarsiitichi oomishe abbaa liitira 5 lakkoofsaan 100 deeggarsa taasiiseera.
 
Hojjattoonni Yuunvarsiitichaa mindaa ji’a tokkoo Birrii miiliyoona 36.5 olii fi dhiigas arjoomuun kan yaadatamuudhaa.
 
Nageessoo Kadiirtu gabaase.
 
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
 
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.