Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Jimmaa lammiilee buqqa’aniif deeggarsa taasise

Finfinnee, Fulbaana 12, 2014 (FBC) – Yuunvarsiitiin Jimmaa lammiilee sababa gocha badii garee shororkeessaa ABUTtiin qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa taasisuu ibsameera.
Yuunvarsiitichi lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa garaagaraa Birrii miiliyoona 9 olitti tilmaamamu taasisuu ta’uu ibsameera.
Lammiilee naannolee sadi keessaa buqqa’aniif deegarsa taasisuu Daayreektarri Daayrektoreetii Tajaajila Barattootaa Yuunvarsiitii Jimmaa Obbo Walduu Asaffaa ibsaniiru.
Yuunvarsiitii Samaraaf meeshalee Birrii miiliyoona 2 fi kuma dhibba 4, Yuunvarsiitii Walloof miiliyoona 2 fi kuma dhibba 4 fi kuma 5 akkasumas Yuunvarsiitii Dabra Taaboriif miiliyoona 4 fi kuma dhibba 1 fi kuma 5tti tilmaamamu taasisuu ibsameera.
Daayreektarri Tajaajila Hawaasaa Yuunvarsiitii Walloo fi Qindeessaan Sassaabbii deeggarsaa Dooktar Geetaachoo Guugsaan deeggarsa Yuunvarsiitiin Jimmaa taasiiseef galateeffachuun, qindoominni Yuunvarsiitilee haaluma kanaan itti fufuu akka qabu ibsaniiru.
Allebbaachoo Abaateetu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.