Fana: At a Speed of Life!

Ziimbaabuween namoota dhoorkii weerara vaayrasii koroonaatin ba’e cabsan kuma 105 ol to’atte

Finfinnee, Adoolessa 13, 2012 (FBC) – Ziimbaabuween namoota seera sababii weerara vaayrasii koroonaatin ba’e cabsan kuma 105 ol to’atte.
 
Mootummaan Ziimbaabuwee lammiileen biyyoota alaatii biyyattii seenan torbee sadiif tursa addaa akka turan dirqisiisa.
 
Yaata’uutii namoonni 276 tursa addaatii miliqanii ba’uu poolisiin beeksiseera.
 
Kana keessaa 30 to’atamuun kan beeksifame yoo ta’u, vaayrasii koroonaa hawaasatti daddabarsuu isaanitiin dhimmi isaanii mana murtiitin ni ilaalama jedhameera.
 
Namoonni dhoorkii kaa’ame darbanii argaman poolisiidhan to’atamaa jirus jedhameera.
 
Namoonni kanneen haguuggii afaanii fi funyaanii godhachuu dhabuu, sochii hin malle taasisuun to’atamaniiru jedheera poolisiin.
 
Paartileen siyaasaa morkattoonni garuu mootummaan koroonaa da’atee isaan laaffisuuf hojjechaa akka jiru ibsaa jiru.
 
Dhoorkiin weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf biyyattiitti kaa’amee ture amma laaffifamaa jira.
 
Ziimbaabuweetti namoonni 1,500 ol vaayrasichaan qabamuun ni himama.
 
Maddi; BBC
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.