Fana: At a Speed of Life!

Agarsiisni Torbee Dippiloomaasii Itiyoophiyaa lammiilee kuma 250 oliin daawwatameera-MDHA

Finfinnee, Guraandhala 21, 2016 (FBC)- Agarsisni “Torbee Dippiloomaasii Itiyoophiyaa lammiilee kuma 250 oliin daawwatamuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Ministir Deetaan Ministeera Dhimmaa Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon xumuramuu agarsiisa Torbee Dippiloomaasii ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kennaniiru.

Agarsisichi Muddee 2, 2016 Godaamba Saayinsiitti banamuu yaadachiisanii, guyyoota 48 tureen lammiilee kuma 250 oliin daawwatamuu ibsaniiru.

Agarsisichi seenaa Dippiiloomaasii Itiyoophiyaa hanga ammatti jiru kan mul’ise fi kallattii kaa’e ta’uu Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon himaniiru.

Torbeen Dippiloomaasii kun mata duree “Dippiloomaasii Keenyaa Faayidaa Biyyaaleessaa” jedhuun gaggeeffamaa ture xumuramuu ibsuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.