Fana: At a Speed of Life!

Ibsi Embaasiwwan tokko tokko gurmuun kennan fudhatama hin qabu – Ministeera Dhimma Alaa

Finfinnee, Caamsaa 1, 2016 (FBC) – Ibsa Embaasiwwan teessoo isaanii Finfinnee taasiisan tokko tokko gurmuun kennan Itiyoophiyaan kan hin fudhanne ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiise.
Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Obbo Nabiyyuu Tadlaan sosochii ijoo Dippiloomaasii biyyoota kanneenii ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kennaniiru.
Yeroo dhiyoo as Embaasiwwan Teessoo isaanii Finfinnee taasiifatan tokko tokko ibsa hojimaata Dippiloomaasii hin eegne kennaa jiraachuu himaniiru.
Haaluma kanaan Ibsi Embaasiwwan tokko tokko guyyaa ‘Press’ ilaalchisee gurmuun kennan fudhatama kan hin qabne ta’uu eeraniiru.
Itiyoophiyaan ibsa Daboo kana kan hin fudhanne ta’uu Obbo Nabiyyuun ibsuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
Mootummaan Itiyoophiyaa bilisummaan ‘Press’ akka kabajamu murannoo cimaa qabaachuu eeraniiru.
Yeroo ammaa Itiyoophiyaatti bifa addaan lakkoofsi Miidiyaalee Diijitaalaa babal’achaa dhufuun biyyattiitti bilisummaan ‘Press’ guddachaa jiraachuu agarsiiftuu ta’uu kaasaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.