Fana: At a Speed of Life!

Biyyoonni Eeshiyaa Paassifik gamtaa daldalaa guddaa hundeessan

Finfinnee Sadaasa 7, 2013 (FBC) – Qabeenya diinagdee addunyaa harka tokko sadaffaa kan qabatan biyyoonni Eeshiyaa Paassifik 15 gamtaa daldalaa hundeessuu ifoomsaan.
Waliigalteen kun biyyoota sababa weerara vaayrasii koroonaan miidhamaniif oduu gaariidha jedhame.
Akka waliigatee qabeenya diinagdee kanaatti waggoota 20 keessatti oomishaaleen gara biyyoota kanneenii galu guutumaan guutuutti qaraxa irraa bilisa ta’u jedhame.
Biyyoonni kunneen qabeenya addunyaa %29 kan qaban yoo ta’u, ummanni addunya harki tokko sadaffaan biyyoota kanneen keessa jiraatu jedhame.
Hindiin waliigaltee kana keessa kan hin jirre yoo ta’uu, fedhii qabaannaan balballi banaa ta’uu biyyoonni kunneen eeraniiru.
Waliigalteen kun waliigaltee daldalaa Ameerikaa, Meeksikoo, Kaanaadaa fi waliigaltee daldalaa gamtaa Awurooppaa kan caalu ta’uu ibsameera.
Waliigalteen kun waggaa waggaan Doolaara biiliyoona dhibba 1 fi biiliyoona 86 gara diinagdee addunyaatti kan galchu ta’uu ogeeyyiin diinagdee ibsaniiru.
Biyyoonni miseensa gamtichaa ammoo waggaa waggaan 0.2 guddina galmeessisiisu danda’u jedhame.
Maddi:-BBC
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.