Fana: At a Speed of Life!

Gabaa ayyaanaa Qilleef dhiheessi oomishaarratti hanqinni hin jiru- Waldaa Hojii Gamtaa Qonna Oromiyaa

Finfinnee, Muddee 28, 2013 (FBC) – Gabaa ayyaanaa Qilleef dhiheessi oomishaarratti hanqinni waan hin jireef hawaasni daldaltoota gatii hinmallee dabalaniif akka hin saaxilamne Federeeshiniin Waldaa Hojii Gamtaa Qonna Oromiyaa dhaameera.
Hoji Gaggeessaan Itti Aanaa Federeeshinichaa obbo Alamaayyoo Tashoomaa akka ibsanitti, hojii dhiheessi oomishaa fi gabaa tasgabbeessu Yuuniyeenotaa fi waldaalee hojii gamtaa akkasumas qaamolee garagaraa waliin hojjatama jira.
Ayyaana Qillee sababeeffachuun magaalaa Finfinneettis oomishaaleen Xaafii, daakuu Qamadii fi Boqqoolloo dabalatee oomishaaleen garagaraa Jamoo fi Boolee naannawwa agonaa akkasumas bulchiinsa magaalaa Duukamitti dhihaateera , shamattootni bitachuu dandahu jedhan obbo Alamaayyoon.
Federeeshinichi oomishinni qonnaan bulaa bara kanaa gatii madalawaan gabaa biyya keessaa fi alaaf akka dhihaatuuf Birrii miiliyoona 90 yuuniyeenotaaf liqiin dhiheessera jedha.
Hanga yoonaatti Birriin miiliyoonni 48 liqiin gadhifameef yuuniyeenotni oomisha qonnaan bulaa karaa waldaaleesaanitiin gatii madalawaan bita jiru jedhan obboo Alamaayyoon.
Qonnaan bulaan gatii madaalawaan oomisha isaa karaa waldaaleefi yuuniyeenotaan gabaa Giddugaeessaaf akka dhiheeffatuuf magaalaa finfinneetti jalqaniin jiru cimee itti fufa jedhan Hoji Gaggeessaan Itti Aanaa Federeeshinicha obbo Alamaayyoo Tashoomaan.
Raggaasaa Firoomsaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.